Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Nageelleetti daandiin aspaaltii Birrii miiliyoona 24 oliin ijaarame tajaajila kennuu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC)- Godina Gujii Bulchiinsa Magaalaa Nageelleetti daandiin aspaaltii Birrii miiliyoona 24 oliin ijaarame tajaajila kennuu eegaleera.

Godina Gujii Bulchinsa Magaalaa Nageelleetti daandiin aspaaltii keessa keessaa Kiiloo Meetira 1 fi meetira 100 baajata mootummaan ramade Birrii miiliyoona 24 oliin ijaarame tajaajila kennuu eegale.

Jiraatonni Magaalichaas daandiin aspaaltii hojjatame kun komii fi gaaffii keenya yeroo dheeraa nuuf deebisuun guddina magaalaa keenyaafis ga’ee olanaaa qaba jedhan.

Qindeessaan misoomaawwan bu’uraa Bulchinsa Magaalaa Nageellee Obbo Masaay Maadeeboo, hojiin ijaarsa daandichaa qulqullinaan akka hojjetamuuf qooda fudhatoota waliin hojjetamaa turuu himaniiru.

Akka OBN gabaaseetti itti aanaan kantiibaa Magaalaa Nageellee Obbo Bayyaan Yisaaq gama isaaniitiin, daandiin aspaaltii tajaajila kennuu eegale kun huwwisa daandii aspaaltii keessa keessaa magaalichaa gara Kiloo meetira 7tti ol guddiseera; bara kana misoomaawwan bu’uraa rakkoo jiraattotaa furuu dandaa’an hojjechuuf karoorfannee jiras jedhaniru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.