Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti Doolaarri kumni dhibbi 2 fi kumni 50 ol seeraan ala socho’aa ture to’atame

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Doolaarri kumni dhibbi 2 fi kumni 50 ol seeraan ala socho’aa ture to’atamuu humni waloo nageenyaa Federaalaa beeksiise.

Dhimmichaa fi yakka biroon wal qabatee shakkamtoonni dhuunfaa hedduun to’atamuu humni waloo kun ibseera.

Hojii nageenya kabachiisuu idilee dabalataan Diyaaspoorawwan gara biyyaa galaa jiraan sodaa malee akka socho’an qophii ga’aa taasiisuu Humni Waloo Nageenyaa Federaalaa ibseera.

Kaayyoo biyyaalessaa guddaa kana cinaatti dhiisuun qaamoleen faayidaa dhuunfaa isaaniif guttaachuuf seeraan ala socho’an tokko tokko dhaabsiisuuf magaalaa Finfinnee naannawaa Hoteela Ityoophiyaa, Markaatoo fi giddugaloota gabaa seeraan alaa birootti duula sakattoo gaggeeffameen shakkamtoonni hedduun to’atamuu ibseera.

Namoota maqaa gaarii magaalaattii gurraachuuf seeraan ala maallaqa daddabarsaa turan irratti tarkaanfii fudhatameen Doolaarri kumni dhibbi 2 fi kumni 50 to’atamuu humni waloo kun eereera.

Paawundiin kumni 50 fi Birriin Miiliyoonni dhibbi tokkoo fi miiliyoonni 15 shakkamtoota waliin harkaaf harkatti to’atamuu himeera.

Mana shakkamaa tokko keessatti Warqeen Kg 1.5 argamuu ibseera.

Kutaa magaalaa Boolee aanaa 13 mana jireenyaa Amaan Abdallaa jedhamu keessatti maallaqoonni biyyoota garaagaraa, Bilbiloonni, taableetoonni, laabtooppiwwan, faayaawwan garaagaraa, dabtaroonni herreega baankii fi teeleeviizhiinoonn hedduun argamuu humni waloo nageenyaa Federaalaa ibsa miidiyaaleef ergeen himeera.

Akkaawuntii fi sirni faayinaansji Shakkamtoota sochii ABUT fi Shaneef deeggarsa maallaqaa taasiisaa turan 240 akka adda citu fi maallaqni herreega baankii isaanii keessatti argamu akka hin sochoone taasiifamuu beeksiiseera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.