Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti hanqinni dhiyeessii oomishaa akka hin mudanneef hojjetamaa jira – Injiinar Taakkalaa

Bitootessa 26, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sababa weerara vaayrasii koroonaan hanqinni dhiyeessii oomishaalee akka hin mudanneef hojjetamaa jiraachuu itti aanaan Kaantibaan magaalichaa Injiinar Taakkalaa Uumaan ibsaniiru.

Bulchiinsa magaalichaatti sababa weerara COVID -19 hanqinni dhiyeessii oomishaalee akka hin mudanneef Birrii miiliyoona dhibba 6 ramadamuun shamattootaaf oomishaaleen dhiyaachaa jiraachuu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.

Magaalichaatti erga vaayrasiin koroonaa muul’atee hojiin meeshaalee qulqullinaa dhiyeessuu , iddoo tursiisa addaa qopheessuu, to’annoo daldaltoota seeraan alaa, hojiin deeggarsa walitti qabuu fi qophiin ittisaa bal’inaan hojjetamaa turuu isaa ibsameera.

Hanqinni dhiyeessii akka hin mudanne hojiin gabaa tasgabbeessuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.

Injiinar Taakkalaan kuduraa fi muduraa dabalatee oomishaaleen garaagaraa Birrii miiliyoona dhibba 6n bitamuun suuqii shamattoota 800 keessatti kuufamuu isaa himaniiru.

Haalli yoo hammaate lammiilee jireenya gadi aanaa keessa jiraatanii fi hojii daldalaa xixiqqoorratti bobba’aniif deeggarsa taasisuuf qoratamaa jiraachuus Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.

Waamicha taasifameen guyyaa muraasa keessatti Birrii miiliyoonni dhibbi 2 ol deeggarsarraa argamuu ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argamae ni muul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.