Fana: At a Speed of Life!

Magaalotaa Godinaalee Oromiyaatti fiigichi “Gumaata Xiiqaa” gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2016 (FBC)-Bitootessa 24, eegalamuu ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa sababeeffachuun Magaalota Godinaalee Oromiyaatti Fiigichi Guddichi “Gumaata Xiiqii” gaggeeffameera.

Fiigichicharratti jiraattonni magaalotaa, hojjettoonni mootummaa, Kutaaleen hawaasaa garaagaraa hirmaataniiru.

Haaluma kanaan fiigichichi Magaalaa Jimmaa, Godina Shawaa Lixaafi magaalaa Amboo, Godina Bunnoo Beddelleefi Godina Iluu Abbaa Booritti gaggeeffameera.

Akkasumas, Magaalaa Yaaballoo, Sandaafaa Bakkee, Dambi Doolloo fi Gimbiitti mata duree “Hidhi Haaromsaa Ashaaraa Dhaloota Haaraati” jedhuun geggeeffameera.

Dabalataan, Magaalaa Jimmaafi Aggaarootti fiigichi guddaan “Gumaata Xiiqii” jedhuun deeggarsa Hidha Haaromsaa guddichaafi jijjiirama dhufe itti fufsiisuu gaggeeffamuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.