Fana: At a Speed of Life!

Man-kuusaawwan USAID garee shororkeessaa ABUT’n saamamuun mirkana’e

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC)- Man-kuusaawwan Dhaabbata Deeggarsaa Ameerikaa (USAID) garee shororkeessaa ABUT’n saamamuun mirkana’eera.

Gareen shororkeessaa ABUT man-Kuusaawwan Dhaabbata Deeggarsaa Ameerikaa (USAID) akka saame Ityoophiyaatti Daayrektarri miishiinii dhaabbatichaa Shoon Joonsii himan.

Dhaabbata Deeggarsaa Ameerikaa (USAID)’tti daayrektarri miishiinii Shoon Joonsii ABUT haalichatti seeran alaa fayyadamaa akka jiru ni amannas jedhaniiru.

Deeggaramtootarraa deeggarsa humnaan saamaa akka jiru ni hubanna kan jedhan daayrektarichi, wanti itti amanne dubbannu garu miseensonni garee shororkeessaa ABUT iddoo lo’anii galan hundatti man-kuusaawwan deeggarsaa keenyaa saamaniiru,kunis haqa nuti beeknu jedhaniiru.

Hidhattoonni ABUT naannoo Amaaraa bakka seenan hundatti man- kuusaawwan deeggarsaa saamaniiru, konkolaattotas fudhataniiru, mandara garagaraatti qabeenya barbadeessaniiru,gochaan kunis nufis ta’ee deeggaramtootaf yaachisaadha jedhaniiru.

Yeroo tokko tokkoo hawaasni odeeffannoo sobaa miidiyaa hawaasan tamsa’aan qabachuun walitti dhufeenyi Ameerikaafi Ityoophiyaa akka waan gadi bu’eetti hubatu,garuu yeroon akka ammaa Ityoophiyaa waliin hojjanne hin jiru jedhaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.