Fana: At a Speed of Life!

Manneen Murtii Federaalaa guyyaa filannoo gariin banaa ta’uun tajaajila ni laatuu jedhame

Fifinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC)- Manneen Murtii Federaalaa Waxabajjii 14, 2013 filannoo biyyoolessaa marsaa 6ffaa gariin banaa ta’uun tajaajilaaf ni laatuu jedhameera.

Manneen murtii federaalaa sadarkaa jalqabaa, olaanaa fi waliigalaa dhimmoota filannoon walqabatan ilaaluuf dhaddachoota sadarkaan jiran 26 gurmeessuun bilisaa fi walabaa ta’uun murtoo laataa turaniiru.

Bifuma wal fakkatuun guyyaan filannoo marsaa 6ffaa gaggeeffamuuttis yakkoota filannoon walqabatani uumaamaan keessummeessuuf gariin banaa ta’uun akka tajaajilaan manni murtii waliigalaa ibsa Faanaa Broodkaastingi Koorpooreetif ergeen himeera.

Haaluma kanaan manni murtii federaalaa sadarkaa jalqabaa dhaddacha ramaddii hundaa fi kan Dirree Dawaa dabalatee dhaddachaa filannoo fi dhaddacha ramaddii Araadaatti tajaajila beellamaa jijjiirraa ni laata jedha ibsichi.

Manni murtii olaanaa dhaddacha ramaddii Litadaa fi Araadaa dhimmoota filannoorratti dhaddachoonni gurmaa’an banaa ta’uu fi Mana murtii waliigalaatti dhaddachoonni dhimmoota filannoo lama qophii ta’uu ibsameera.

Manni murtii olaanaa fi sadarkaa jalqabaa abbootii dhimma guyyaa filannoo  beellama qaban Kibxataa kan keessummeessuu ta’a jedhame.

Manni Murtii waliigala federaalaa ammoo dhimmaamtoota beellama jijjiirraa qaban guyyaa itti keessummeessuu fuula maarsaa fi erga gababaan kan beeksisuu ta’uu ibsichi ereera.

Manneen murtii kunneen dhimmoota filannoon walqabatanii dhiyaataan haalaa bilisaa fi walabaa ta’een kan keessummeessaan ta’uu ibsuun, uummanni bifa tasgabbii qabuun filannoo marsaa 6ffaa Wiixaata dhufuu akka gaggeessuu, rakkoon yoo muudatee gara mana murtiitti akka dhiyeeffatuufi murtoo mana murtichaa kabajuu akka qabu gaafateera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.