Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummata hordoftoota amantaa Musliimaa maraaf ergaa baga ayyaana Moolidaa geessanii dabarse

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2014(FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummata hordoftoota amantaa Musliimaa maraaf ergaa baga ayyaana Moolidaa geessanii dabarseera.

Hawaasni musliimaa tokkummaa fi birmaddummaa biyyaaf eejjennoon agarsiisee akkasumas deeggarsa hunda galeessaa taasisee cimsee akka itti fufu manni marichaa waamicha dhiyeesseera.

Manni marichaa baga guyyaa kabaja ayyaana dhaloota Nabiyyuu Mohaammad kan bara 2014 Waggaa 1496ffaaf isin gahee jedheera.

Hawaasni musliimaa wayita ayyaanicha kabajatu barsiisa Nabiyyuu Mohaammad hordofuun lammiilee harka qalleeyyii ta’aan deeggaruun ta’u qaba jedheera.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.