Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa murteewwan dabarse

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 89ffaasaa gaggeessen murteewwan dabarse.

Manni marichaa kaleessa Fulbaana 6,2013 walga’ii idileesaa gaggeessen, ajandaalee lamarratti mari’achuudhan murteewwan dabarseera.

Haaluma kanaan Iityoo Injiinariing Giruup hundeessuuf wixinee dambii qophaa’erratti mari’atee, yaadolii galtee ta’an ega ida’een booda Gaazexaa Nagaaritiin maxxanfamee hojiirra akka oolu murteessera.

Dabalataan wixinee raggaasistuu waliigaltee tumsaa Ityoophiyaa fi Federeeshiniin Raashiyaa humna nuukleeraa kaayyoo nageenyatiif fayyadamuuf irra ga’anirratti mari’atee akka ragga’ee hojiirra oolu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRItif ergeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.