Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Misooma Intarpiraayizii fi Induustirii Oromiyaa walga’iisaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Amajjii 9, 2012 (FBC) – Manni Maree Misooma Intarpiraayizii fi Induustirii Oromiyaa walgahii idilee isaa 2ffaa magaalaa Adaamaa galma abbaa Gadaatti gaggeessaa jira.

Waltajjii kanarratti raawwiin ji’a 6 dhiyaatee gamaaggamameera.

Akka biyyaatti hoji dhabdoota miiliyoona 3 ol hojiitti galchuuf karoora qabame keessaa naannoon Oromiyaa namoota miiliyoona 1 ol bifa adda addaatin hojiitti galchuuf hojjachaa akka jiru Ibsameera.

Raawwiin ji’oota ja’aa gaarii akka ta’es itti aanaan biiroo Miisooma Intarpiraayizii fi Induustirii Oromiyaa obbo Geetaachoo Galataa himaniiru.

Raawwiin kurmaana lamaas %86 ta’uu ibsaniiru.

Dargaggoota hoji dhabeeyyii gara hojiitti galchuuf ciminaan hojjetamaa jiraatus, hojichi milkaa’inaan akka hin deemne liqii fudhatanii deebisuu dhabuun rakkoo guddaa ta’ee argameera.

Hudhaalee kanaa fi kanneen biroo furuun dargaggoota hojiitti galchuu akka hojjetamaa jirus himameera.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.