Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa muudamoota garaagaraa raggaasisuun xumurame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2013 (FBC) Manni Maree naannoo Gaambeellaa yaa’ii ariifachiisaa 4ffaa bara hojii 5ffaa gaggeesseen muudama Af yaa’ii naannichaa fi qaamoolee hojiiraawwchiiftuu garaagaraa raggaasisuun xumurameera.
 
Manni marichaa guyyaa har’aa yaa’ii ariifachiisaa gaggeesseen muudama Af yaa’ii fi itti aantuu Af yaa’ii Mana Maree naannichaa raggaasiseera.
 
Haaluma kanaan obbo Juul Nyaangaal Af Yaa’ii, fi aadde Tihuut Hariiyaat itti aantuu Af Yaa’ii Mana Maree naannicha ta’uu muudamaniiru.
 
Dabalataan manni marichaa muudama kaabinee 11 fi minseensa koree dhaabbii tokkoo raggasiseera.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.