Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa waliigalteewwan raayyaa ittisaa mootumma Faransaayii fi Xaaliyaan waliin taasifamaan raggaasise

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2013 (FBC) – Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa waliigalteewwan raayyaa ittisaa mootumma Faransaayii fi Xaaliyaan waliin taasifamaan raggaasiseera.

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii idilee 16ffaan bara hojii 6ffaatin waliigalteewwan tumsaa raayyaa ittisaa mootumma Faransaayii fi Xaaliyaan waliin taasisifamee hordofee wixinee labsii dhiyeesseerratti mari’achuun sagalee guutuun raggaasiseera.

Ministirr Deettaan Ministeera Raayyaa Itisaa Biyyaa obbo Geetaachoo Haaylamaariyaamii fi Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa aadde Birtukaan Ayyaanoo faayida waliigaltichaa irraatti ibsa taasisaniiru.

Dabalataanis gabaasa seera qabeessummaa oodiitii Herreega Faayinaansii fi raawwii oodiitii Oodiitara Muummee Federaalaa manneen Hojii federaalaa bara baajataa 2012  dhaggeeffata jeraachuu ibsameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.