Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa wixinee Baajataa mootummaa federaalaa dhiyaaterratti mari’achuun koree dhaabbiif qajeelche

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee baajataa mootummaa Federaalaa bara 2016 Birrii biiliyoona 801.6 ta’uun dhiyaaterratti mari’achuun gamaaggama dabalataaf koree dhaabbiif qajeelcheera.

Manni maricha har’a walga’ii idilee 24ffaa bara hojii 2ffaa gaggeesseera.

Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen wixinee baajata mootummaa federaalaa bara 2016 dhiyaaterratti ibsa laataruu.

Manni Maree Ministirootaa Baajanni Mootummaa Federaalaa bara 2016 Birrii biiliyoona 801.65 akka ta’u murteessuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf qajeelchuun kan yaadatamuudha.

Baasii Idilee Mootummaa Federaalaaf Birrii biiliyoona 369.6, Baasii Kaappitaalaaf Birrii biiliyoona 203.9, deeggarsa Naannoleef Birrii biiliyoona 214.07, galma misooma waaraa raawwachiisuuf Birrii biiliyoona 14, waliigalaan Baajanni Mootummaa Federaalaa Bara 2016 Birrii biiliyoona 801.65 ta’uun dhiyaateera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataas wixinee dhiyaaterratti mari’achuun gamaaggama dabalateef Koree Dhaabbii Dhimmoota Pilaanii, Baajataa fi Faayinaansiif qajeelchera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.