Fana: At a Speed of Life!

Manni murticha namoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessan shakkaman lama irratti himanni akka banamu guyyaa beellama 15 laate

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddachi ramaddii Araadaa namoota ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessan shakkaman lama irratti Abbaan Alangaa himata akka banu guyyaa beellama 15 laate.
 
Manni murtichaa Abbaan Alangaa Xilahuun Yaamii fi Abdii Alamaayyoorratti himata akka banu beellama yeroo guyyaa 15 laatera.
 
Poolisiin qorannoo xumuruu galmee abbaa alangaaf dabarseera.
 
Dhadhachirratti Abdii Alamaayyoo guyyaa Haacaaluun ajjeeffamu iddoo sana hin turree jedhus, Xilahuun Yaamii ammoo guyyaa sana Kabbadaa Gammachuu fi Abdii Alamaayyoo kan isa waliin turan ta’uu ibseera.
 
Manni Murichaa shakkamtoota kanneerratti himanni akka banamu yeroo beellama 15 kenneera.
 
Gama biraan haaluma Manni Murtii beellama lateen bulchiinsi hidhamtootaa magaalaa Finfinnee haala fayyaa ogeeyyii miidiyaa Asiraatirratti ibsa laateera.
 
 
Ogeeyyii kanneenif qorannoo taasifameen hundi isaanii vaayrasii koroonaarra bilisa ta’uu ibsameera.
 
Shakkamtoonni kunneen hanqinni qulqullinaa rakkoo fayyaaf isaan saaxilaa jiraachuu iyyataniiru.
 
Manni murtichaas iddoo fayyaa fi nageenya isaaniif mijataa ta’e jiraachuu akka qaban ajaje laateera.
 
Poolisiin dhimma ogeeyyii kanneenirratti qorannoo eegale akka xumuruuf guyyoota dabalataa 7 eeyyameera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.