Fana: At a Speed of Life!

Maraatooniin Beejiing yaaddoo weerarri Vaayrasii Koroonaa uumeen dheerate

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC) – Maraatooniin Beejiing yaaddoo weerarri Vaayrasii Koroonaa Deeltaa jedhamu uumeen dheerachuu koreen qopheessaa dorgommichaa beeksise.
Dorgommiin maraatoonii kun eegaluuf guyyoonni 100 wayita hafan yaaddoo tatamsa’ina vaayrasii kanaa balleessuuf hojjechaa ture koreen qopheessaa dorgommichaa ibseera.
Haa ta’u malee namoonni vaayrasii kanaan qaban 39 argamuun yaaddoo uumuu ibsameera.
Dheerachuun guyyaa dorgommii kanaa fayyummaa dorgomtootaa, hojjettootaa fi hawaasaa haala gaariin eeguun yeroo itti danda’amutti dorgommicha taasisuuf ta’uu korichi ibsa guyyaa kaleessaa laateen himeera.
Kanaan dura dorgommicharratti dorgomtoonni kuma 30 ta’an qooda fudhachaa akka turan ibsameera.
Dorgommiin Dilbata dhufu gaggeeffamuuf ture sababa gosti Vaayrasii Koroonaa deeltaa jedhamu yaaddoo uumeen yeroo birootti darbuuu ibsameera.
Maddi:- Fraans 24
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.