Fana: At a Speed of Life!

Mareen biyyaalessaa kan milkaa’uu Ityoophiyaanoonni hundi abbummaan adeemsicha deeggaruu yoo danda’aniidha – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Mareen biyyaalessaa kan milkaa’uu Ityoophiyaanoonni hundi qajeeltoo sirrii fi abbummaan adeemsicha deeggaruu yoo danda’aniidha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Ityoophiyaa yeroo adda addaatti carraan jijjiirramaa gaariin seenaa hin jijjiirree muudateera.

Siyaasa biyyattii sadarkaa tokko gara fuulduraatti kan tarkaanfichuu fi yeroo itti aanu gaarii kan taasiisan jijjiirramni hedduun eegalamaniiru.

Jijjiirramoota kanneen kan walfakkeessan wanta tokkotu jira, Gaabbiin uumamee, gaabbiin adeemamee, gaabbiin xumuramuudha jedhan.

Yeroo baayyee yaadonni jijjiiramaa wayita boqonnaawwan jiijjiramaa eegalanitti qabannee kaanu galma osoo hin ga’iin wayita hafan irra deddeebiin argineerra jedhan.

Wayita adeemsa jijjiiramaa galma keenya milkeessuuf waldeeggaruurra dhimmoota xixiqqaarratti duubatti wal harkisuu waan dursinuuf firiin jijjiiramaa jalqabarra nama hawwataa ture osoo galma hin ga’iin karaatti gufatanii hafu.

Gufachuu isaanii kan yaadannu yeroo booda waan ta’eef carraawwan jiran erga darbanii booda akka biyyaattii deebinee gaabbina jedhan.

Nuti dhaloonni darbe “kanaa fi sana raawwateera osoo ta’ee” jennee akkuma komannu dhaloonni darbes dhaloota isa dura ture komachaa ture jedhan.

Maraammartoo seenaa kana keessaa hanga hin baanetti carraan keenya kanarraa adda hin ta’u jechuun hubachiisan.

Taateewwan nuti har’a maal na dhibdeen bira dabarru boru ijoolleen ijoollee keenyaa nu komachuuf sababa ta’a jedhan.

Kun akka hin taaneef carraa jijjiiramaa harka keenya jiru duguugnee fayyadamuu qabna jedhaniiru ergaasaaniin.

Rakkoolee siyaasaa waggoota dheeraaf gangalachaa har’a ga’an daraan hambisuu kan dandeessisuu fi egeree keenya bu’uura haaraarra dhaabuuf humna kan qabu adeemsi marii biyyaalessaa akka carraa gaarii harka keenya jiruutti fudhachuun barbaachisaadha jedhan.

Carraan kun bu’aa dhamaatii hedduu ta’uu dagachuun akka salphaatti ilaallaan haala salphaan dhabuu dandeenya jedhaniiru.

Faallaa kanaa akka albuuda gatii jabeessaatti lakkoofnee fi kunuunsinee yoo itti fayyadamne bu’aan isaa olaanaa fi seenaa kan jijjiirudha jechuun ibsaniiru.

Ijoolleen keenyas “ Abbootiin keenya akkas gochuu isaaniin biyyi keenya guddina kanarra geesse” jedhanii carraa itti galateeffatan uuma jedhan.

Mariin biyyaalessaa hirmaachisaa ta’e milkaa’aa akka ta’uuf adeemsi isaa haala fudhatamummaa qabuun gaggeeffamuu akka qabu kaasaniiru.

Kunis kan ta’u hundi adeemsa marichaa olaantummaan kan hogganu komishinii marii biyyaalessaa karaalee garaagaraa deeggaruu fi jajjabeessuu yoo dandeenyedha jedhan.

Dhimma kanarratti qarqara dhaabbatanii ilaaluun seenaan kan nama komachiisu ta’uu kaasaniiru.

Qaamoleen hundi miira abbummaan adeemsa marichaaf ga’ee irraa eegamu ba’achuun hirmaachisummaa isaa kan mirkaneessu malee tokko affeeraa tokko ammo affeeramaa akka ta’etti ilaaluun itti gaafatamummaa seenaarraa bilisa ta’uu akka hin dandeenye eeraniiru.

Mootummaan gamasaatiin caasaan komishinii maree biyyaalessaa hanga gadiitti hundaa’e hojiisaa si’oominaan akka hojjetuuf deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Bulchiinsonni naannolee qajeeltummaan, abbummaanii fi itti gaafatamummaan hojii komishinichaaf galtee barbaachisu dhiyeessuun haala mijataa uumuu akka qaban dhaamaniiru.

Paartileen siyaasaa dorgomtootaa maricharratti akka hirmaataatti qofa osoo hin taane akka abbummaatti si’oomina adeemsa isaa fi milkaa’inasaaf deeggarsa barbaachisaa akka taasisan gaafataniiru.

Hayyoonni wayita komishinichi yaadaa fi yaada murtoo barbaadu qofa osoo hin taane dursa kaka’umsaa fi adeemsa isaarratti dammaqinaan hirmaachuun ga’ee isaanii akka ba’atan gaafataniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.