Fana: At a Speed of Life!

Mariin Biyyaalessaa marsaa 3ffaan Caamsaa dhufu eegala

Finfinnee, Guraandhala 21 ,2015 (FBC)- Koomishiniin Marii Biyyaalessaa hojiilee jalqabaa fi boqonnaa 2ffaa xumuruun, boqonnaa 3ffaa baatii Caamsaa dhufuu gaggeeffamuu akka eegaluu ibsame.

Koomishiniin Marii biyyaalessaa hanga ammaatti hojiilee hojjete ilaalchisuun hoggantoota olaanoo Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa fi qaamolee dhimmichi ilaallatuuf gabaasa dhiyeesseera.

Koomishinarri Olaanaa Koomishiniin Marii Biyyaalessaa Pirofeesar Masfiin Ar’aayaa gabaasa dhiyeessaniin, erga komishinichi hundeeffamee haaldureewwan marichaaf barbaachisaanirratti ciminaan hojjechaa turuu kaasaniiru.

Adeemsi marichaa hunda hirmaachisaa fi komiin “maricharratti hinhirmaanneen ture” jedhu akka hinkaafnetti ajandaa walitti qabuurratti kutaalee hawaasaa fi gurmaa’inaalee hundaa kan hammate akka ta’uuf eeggannoon hojjetamuu eeraniiru.

Afyaa’iin Mana Marichaa Obbo Taaggasaa Caafoo gama isaaniin, dhimmoonni marii biyyaalessaa gaggeeffaman biyyaa ceesisuu fi gama mootummaan barana gaggeeffamu akka qabu ajandaa biyyaalessaa qabamee keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Hojiilee komishinichi hanga ammaatti hojjete kan dinqisiifatamu ta’uu kaasanii, mariin biyyaalessaa yeroo qabameef keessatti akka eegaluuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu hunduu gahee isaanii akka bahatan gaafataniiru.

Biyyattiin yeroo dheeraaf yaadonni ka’umsa falmii ta’an furmaata waaraa akka argatanii fi waliigalteen biyyaalessaa akka uumamuuf koomishinichi yeroo qabametti marichaa biyyaalessaa eegalchiisuu akka qabu akeekaniiru.

Fuuldurattis hojiileen hojjetaman hawaasa bira akka ga’uuf hojiin miidiyaa fi kominikeeshinii hojjetamuu akka qabu Afyaa’iin Mana Marichaa Obbo Taaggasaa Caafoo himaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.