Fana: At a Speed of Life!

Mariin Gumii Balal marsaa 26ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 16, 2015 (FBC) – Mariin Gumii Balal marsaa 26ffaan mata duree “Tokkummaa sabdaneessummaa nageenya waaraaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Marichi Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffmaa jira.

Marichi guyyaa sabaa fi sablammootaa 17ffaa baranaa sababeeffachuun, faayidaa fi bu’aalee tokkummaan sabdaneessummaa nageenya waaraaf qaburratti xiyyeefachuun mari’atamaa jira.

Hayyuu Siyaasaa Obbo Leencoo Lataa fi hayyoonn biroon kan argaman yoo ta’u, barreeffamni ka’umsaa Hayyuun Dhimma Federaaliizimii Dooktar Tamasgeen Baayyisaan dhiyaachuun irratti mari’atamaa jira.

Hawwii Fiqaaduu fi Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.