Fana: At a Speed of Life!

Mariin hidha haaromsaa mariisisummaa Gamtaa Afrikaa fi biyyoota sadeen qofaan gaggeeffamuu qaba-Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa

Finfinnee, Eebila 5, 2013 (FBC)- Mariin hidha haaromsaa mariisisummaa Gamtaa Afrikaa fi biyyoota sadeen qofaan gaggeeffamuu akka qabu Ministiirri Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Saarigee Laavroov yaadachiisaniiru.
Ityoophiyaan Hidha Haaromsaa Guddichaa ijaara jirturratti waliigalteen jiraachuu dhibuun muul’dhatu kan furamuu qabu marii qofaan ta’uu akka qabu himaniiru.
Ministirichi gita isaanii Gibtsi Saameeh Shikurii waliin Kaariyootti ibsa laataniiru.
Ibsa isaaniitin adda addumaan jiru akka sirratuuf Raashiyaan fedhii olaanaa qabachuu ibsuun, biyyoonni sadeen fayyadamummaa waloorraa akka ga’aan Raashiyaan deeggarsa teeknikaa ni taasifti jedhaniiru.
Adda addummaan jiru hiikamuu kan qabu qaamolee alaan osoo hin taanee, biyyoota sadeen qofaa ta’uu akka qabaniis himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.