Fana: At a Speed of Life!

Mariin Paartiilee Siyaasaa gidduutti taasifamu cimee itti fufuu qaba – MM FDRI Dooktar Abiy

Finfinnee, Fulbaana 5, 2013 (FBC) – Mariin Paartiilee Siyaasaa gidduutti taasifamu cimee itti fufuu akka qabu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad beeksisan.
 
Manni Maree waloo paartiilee siyaasaa imala marii hanga ammaa fi kallattii gara fuulduraarratti mari’atateera.
 
Hoggantoonni paartiilee siyaasaa waltajjii Adooleessa 22, 2012 gaggeessaniin mariin itti fufiinsa akka taasifamu waliigaluun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Haaluma kanaan Manni Maree paartiilee siyaasaa torbeewwan darban itti fufiinsan waltajjii marii gaggeessuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni agarsiisa.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad waltajjiiwwan gaggeeffaman waliin gamaaggamuuf guyyaa har’aa hoggantoota paartiilee siyaasaa waliin mari’ataniiru.
 
Wayita marichaa mariin hoggantoonni paartiileen siyaasaa gaggeessan bu’aa qabeessa ta’uu ibsameera.
 
Manni Maree biyyaleessaa fi mariin akka gaggeeffamu daandii kan saaqedha jedhame.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad barbaachisummaa kaayyoo maricha haalan hubachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Waltajjichi waliigaltee waloorra ga’uu fi rakkoo siyaasaa biyyattiif fala kaa’uuf ta’uu kaasaniiru.
Mariin akka kanaa cimee itti fufuu akka qabu beeksisaniiru.
 
Hojiilee yeroo itti aanu keessa hojjetaman irratti itti gaafatamummaa hojii walii qoodaniiru.
 
Paartiileen kunneen walitti dhiyeenyan mari’achuu isaaniin bu’aa argame itti fufu akka qabu waltajjicharraa eerrameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.