Fana: At a Speed of Life!

Mariin sadee Hidha Haaromsaa adda citee ture har’a itti fufa

Finfinnee, Adoolessa 27, 2012 (FBC) –Mariin sadee Hidha Haaromsaa adda citee ture har’a itti fufa.
 
Mariin Gamtaa Afrikaatin duurfamuu fi yeroof adda citee ture, har’a kan itti fufu ta’uu Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii FDRI beeksiseera.
 
Mariin hoggantummaa gamtichaatin guyyootii 11f gaggeeffamaa ture torbee lamaan dura adda cituun isaa ni yaadatama.
 
Torbeen dura itti fufuuf karoorfamee kan ture ta’us, Sudaan torbee tokko booda naaf yaata’uun gaaffii dhiyeessiteen torbee tokkoof tureera.
 
Mariin adda citee tures har’a waaree boodaa eegalee, torbee tokko itti aanuf kan itti fufuun gaggeeffamu ta’a.
 
Mariin kun akkaataa marii kanaan duraatin gabaasa hoggansaaf dhiyaaten kallattii kaa’ameen kan itti fufu ta’a.
 
Marichi bifa fayyadamtummaa waloo mirkaneessen akka xumuramu Ityoophiyaan ni hojjettis jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.