Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 239tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Mudde 20, 2016 (FBC)-Meeshaaleen Kontirobaandii Birrii miiliyoona 239’tti tilmaamamu to’atamuu Koomishiniin Gumrukaa beeksiseera.

Komishinichi hordoffii Mudde 12-18, 2016’tti taasiseen meeshaaleen galii Birrii miiliyoona 131.2 fi daldala Alaa Birrii miiliyoona 107.8 waliigalaan meeshaaleen Kontirobaandii Birrii miiliyoona 239’tti tilmamamuu to’atamu ibseera.

Meeshaaleen to’ataman kunneenis uffannaalee, boba’aa, Buna, Qorichaalee, Meeshaalee faayaa, Jiimaa, Baala sammuu hadoochuu, meeshaalee elektirooniksii fi mallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan Koomishinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.