Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 72tti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Torban darbe meeshaaleen koontiroobaandii Birrii miiliyoona 72 fi miiliyoona 3tti tilmaamaman to’annaa jala oolu koomishiniin Gumuruukaa beeksise.

Meeshaaleen alaa galan Birrii miiliyoona 47 fi miiliyoona 4tti shallagaman dameewwan waajjiraalee garaagaraatti to’atamu komishinichi beeksiseera.

Dabalataan Meeshaaleen alatti ergaman Birrii Miiliyoona 24 fi miiliyoona 9tti tilmaamaman to’atamuu ibsameera.

Meeshaaleen kunneen qindoomina hojjettoota komishinichaa, Poolisii Federaalaa, miseensota poolisii naannolee fi uummataan to’atamuu ibsameera.

Meeshaalee to’atamanis Warqee, huccuuwwan garaagaraa, meeshaalee elektirooniksii, Buna, Qoricha, meeshaalee miidhagina, meeshaalee waranaa, jimaa, qorichoota sammuu nama hadoochan fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan Komishinii Gumuruukaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.