Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa waraanaa hambisuuf hundi nageenyaaf dursa akka laatu paartileen siyaasaa gaafatan

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Miidhaa waraanaa hambisuuf hundi nageenyaaf dursa akka laatu paartileen siyaasaa gaafataniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT daa’imman dabalatee lammiilee naannoo Tigraay dirqiin gara dirree waraanaatti duulchisaa jiraachuu ragaalee mul’isan dhaabbileen idil addunyaa ifoomsaa kan jiran yoo ta’u paartileen siyaasaa dhimmicha qeeqaniiru.

Garichi lammiilee gara dirree waraanaa dhaquu didan hidhuu dabalatee adabbii maallaqaa irratti dabarsaa jiraachuu ragaaleen ni mul’isu.

Garichi kanaan dura waraana uummanni Tigraay itti hin amanne humnaan uummata waraanatti bobbaasa turuu fi yeroo ammaa gara waraanaatti seenuuf adeemsi inni taasisu gaddisiisaa ta’uu dura taa’aan paartii Gamtaa Diimokiraatawaa Ityoophiyaa obbo Gabruu Barhaa ibsaniiru.

Ittaanaan dura taa’aa paartii Bilisummaa fi Walqixxummaa Zanuur Abdulwaahib gamasaaniin, sochiileen irra deebiin waraanaa gaggeessuuf taasifaman fudhatama kan hin qabne ta’uu kaasaniiru.

Paartileen siyaasaa kunneen daa’imman gara waraanaatti erguun yakka waraanaa idil addunyaa ta’uu kaasuun, gareen shororkeessaa ABUT irra deeddeebiin gocha walfakkaataa raawwachaa turuu ibsaniiru.

Qocolloowwan waraana biraaf taasifaman akka dhaabbatanii fi nageenyaaf hojjechuun barbaachisaa ta’uu turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Afwarq Iyyaayyuutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.