Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi dhaabbata dhunfaa Raasaa jedhamu waliin waliigaltee Hindi carraa barnoota bilisaan laachuuf dandeesisuu mallateesse

Finfinnee, Caamsaa 6, 2013 (FBC)-Ministeerri Barnoota dhaabbata dhunfaa Raasaa jedhamuu waliin waliigaltee Hindi carraa barnoota  bilisaan laachuuf dandeesisuu mallateesseera.

Carraa barnooticha leenjii sagantaale gaggabaaboo hanga PHDtti kan hammateedha jedhameera.

Waliigalticha  Ministir deettaan Ministeera Barnootaa Dooktar Garramuu Hulluqaa fi manaajimeentiin dhaabbata Raasaa fi hojii gaggeessaa dhaabbata gorsaa Dooktar Raajaa Moosisaan mallateessaniiru.

Dhaabbatichi kana dura barattoota kuma 1 ol ta’aaniif carraa barnoota Hinditti bilisaan laataa tureera.

Yeroo itti aanuuttis barattoota kuma 5 ta’aaniif carraa barnootaa bilisaan akka laatuu Dooktar Raajaa Mosiisaan ibsaniiru.

Carraa barnoota bilisaan laatamuu Yuunvaarsitiiwwan Hinditti argamanitti kan laatamuu ta’uu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.