Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi gabaasa raawwii hojii bara 2012 fi karoora bara 2013 irratti marii gaggeessaa jira

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo gabaasa raawwii hojii bara 2012 fi karoora bara 2013 irratti marii gaggeessaa jira.
 
Bara baajata darbeetti damee Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoon bara jijjiirramni olaanaan hojiitti hiikkame ta’uu ibsameera.
 
Yuunvarsiitiwwan damee ergamaa fi xiyyeefannoon hojii addaan baasuu hojjechuu isaanii eerrameera.
 
Barattoota Yuunvarsiitii waggaa 1ffaaf koorsiin waloo akka barataniif qophaa’ee bu’aa gaarii argamsiiseera jedhame.
 
Marii kanarratti hoggantoonni olaanoon, daayreektaroonni fi bakka buutoonni kutaalee hojii hirmaachaa jiraachuu ragaan Ministeera Saayinsii fi dhaabbilee barnootaa olaanoorraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.