Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii fi dhaabbilee itti wamaamoo naannoo hidha Laga Daadhii biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2013 (FBC) – Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii dhaabbilee itti wamaamoo waliin ta’uun godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee aanaa Barraak naannoo hidha Laga Daadhiitti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuu dhaabaa jiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kanarratti Ministeera Ministira Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injinaar Silashii Baqqalaa dabalate namoonni kumni 1 fi 500 ol hirmaataniiru.

Saganticharratti biqiltuun kumni 10 ol dhaabbachuu EBCn gabaaseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.