Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Fayyaa haala itti barnoonni eegaluu danda’u yoo nuuf mirkaneesse ni eegalla

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) –Ministeerri Fayyaa haala itti barnoonni eegaluu danda’u yoo nuuf mirkaneesse ni eegalla – Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa.

Sadarkaa tattamsa’inni vaayrasii koroonaa irra jiru gamaaggamamee haala itti barnoonni eegaluu danda’u jiraachuu Ministeerri Fayyaa yoo mirkaneessee fi mootummaa murtoo yoo dabarse barnoonni akka eegalu Ministeerri barnootaa Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa himaniiru.

Daa’imman barnootaan ala jiran miidhamaa jiraachuu kan ibsan Dooktar Geetaahuun daa’immaniif dursi akka laatamu ibsaniiru.

Ragaan Dhaabbata fayyaa Addnuyaa akka muldhisutti amalli daa’immaan vaayrsii koroonaa qabamanii fi daddabarsa warren biroorraa gadi aanaa ta’uun ittisa vaayrasii koroonaa dhaabbatichi kaa’ee guutuumman hojiiirra oolchuun barnoota eegaluuf carraaqqiin taasifamaa jira.

Bakkeewwan tattamsa’inni vaayrasichaa itti heddumatu fakkenyaaf kanneen akka magaalaa Finfiineetti barnoonni dabaree sadiin eegaluuf karoorri qabameera jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.