Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Galiiwwanii meeshaalee ittisa weerara vaayrasii koroonaa Birrii miiliyoona 14 olii gumaache

Finfinnee, Bitootessa 24, 2012 (FBC) – Ministeerri Galiiwwanii meeshaalee ittisa weerara vaayrasii koroonaa Birrii miiliyoona 14 olii gumaache.

Ministeerichi dhaabbilee waamamoo isa jala jiran waliini gumaachicha kan laate.

Deeggarsichas garee ittisa vaayrasichaa sadarkaa federaalaa fi Finfinneetti ijaarrameef laatera.

Deeggarsi akaakudhaan laatame Birrii miiliyoona 12 olitti kan tilmaamamudha.

Magaalaa Finfinneetif meeshaalee bu’uuraa fi nyaataa Birrii miiliyoona 7 olii gumaachera.

Garee ittisa vaayrasichaa sadarkaa federaalatiin hundaa’ef ammoo Birrii miiliyoona 2 fi oomishaalee nyaataa Birrii miiliyoona 4 olii laatera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.