Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Maallaqaa hojmaata baajatni dabalataa aanaalee fi gandoota naannoo Tigraayiif itti qaqqabu qopheesse

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Ministeerri Maallaqaa hojmaata baajanni dabalataa aanaalee fi gandoota naannoo Tigraayiif itti qaqqabu qopheessuu beeksise.
 
Manni Maree Federeeshiinii walga’ii ariifchiisaa Hagayyaa 30, 2012 fi walga’ii idilee Fulbaana 26, 2013 gaggeesseen mootummaan naannoo Tigraay filannoo seeraan alaa gaggeessuun Mana Maree naannichaa fi qaama hojii raawwaachiiftuu olaanaa hundeessuu isaan mootummaan Federaalaa aanaalee fi gandoota naannichaan ala hariiroon mootummaa naannichaa waliin taasiissu adda cituu beeksisee ture.
 
Haaluma kanaan Ministeerri Maallaqaa hojmaata baajatni dabalataa aanaalee fi gandoota naannoo Tigraayiif itti qaqqabu qopheessuu beeksise.
 
Hojmaanni qophaa’e Mana Mare Ministirootaaf dhiyaachuun erga ragga’ee hojiitti hiikama jedhame.
 
Mootummaa Biyyalessa naannoo Tigraay jedhee of waamuuf baajanni laatamu kan hin jirre ta’uu Ministeerichi beeksiseera.
 
Haalli raawwii baajata magaaloota aanaa fi gandootaaf qoodamu ilaalchisee gaaffiiwwan dhiyaataniif Manni marichaa hojmaaticha erga raggaaisee booda kan ifoomu ta’uu daayreektooreetiin daayreektara koominikeeshinii Ministeerichaa obbo Hajii Ibsaa dubbataniiru.
 
Tasfaayee Kabbadaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.