Fana: At a Speed of Life!

Ministirri Raayyaa Ittisa biyyaa sochii  “Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti’’ jedhuuf mallattoosaanii kaa’an

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC)- Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Qana’aa Yaadataa Raayyaa Ittisa biyyaa sochii  “Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti’’ jedhuuf mallattoosaanii kaa’aniiru.

Dooktar Qana’aan kaayyoon sochichaa hawaasa idil addunyaaf dhugaa Ityoophiyaa beeksisuufi jedhaniiru..

Mootummaan nageenyaa uummattootaa fi birmadummaa biyyatti eeguuf tarkaanfii seeraa fudhatuun hubannoon Ameerikaa fi warreen lixaa Ityoophiyaarra dhiibbaa ka’aa jiraachuu Ministirichi himaniiru.

Dooktar Qanaa’aa akka himanitti, gareen shororkeessaa ABUT lammiilee nagaa haleeluu, qabeenyaa lammiilee barbadeessuun, daa’immanii hanga maanguddootti kan jiran dubartootaa gudeeduu dabalatee shiraa hedduu dalaguu himuusaanii ragaan Ministeera raayyaa ittisa biyyaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.