Fana: At a Speed of Life!

Mirgi fayyadamtummaa duraas ta’e ammaa, Ityoophiyaan mirga laga Abbayyaatti fayyadamuuf qabdu kan dhoorguu miti jedhame

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) – Mirgi fayyadamtummaa duraas ta’e ammaa Ityoophiyaan mirga laga Abbayyaatti fayyadamuuf qabdu kan dhoorguu miti jedhame.
 
Mariin seera yaa’a laga Abbayyaa fi siyaasa bishaaniirratti xiyyeeffatu taa’ameera.
 
Maricharratti waraqaa qorannaa dhiyaaten seera idil addunyaatin Ityoophiyaan bishaan laga Abbayyaarraa akka hin fayyadamne kan dhoorgu hin jiru jedhameera.
 
Ityoophiyaan bishaan %80 gumaachitus amma ammaatti kan fayyadamte %1.2 qofa jedhame.
 
Waliigalteewwan yaa’a gadaanu keessatti mallatteeffaman fayyadamummaarratti gufuu ta’anii turuu waraqaa qorannoo kan dhiyeessan obbo Taaddalaa Takkaan eeraniiru.
 
Keessumaa Gibts fayyadamtummaa adda duree ta’uuf yaadni kaasaa jirtu fudhatama hin qabu jedhan.
 
Chaartara Mootummoota Gamtoomanii fi koonveenshinii Jeeneevaa 1969 Ityoophiyaan waliigaltee qaamolee lamaan mallatteessaniif qaama sadaffaa taatee waliigalteewwan galamaniif bitamuu hin qabdu jedhan.
 
Akkaataa dambii Barliin 2004tin fayyadamtummaan yeroo seera qabeessummaan kan mirkanaa’u, bifa haqa qabeessummaa fi madaalawa ta’een waan jedhuuf yaandi Gibts kaastu kanaan fudhatama hin qabu jedhan.
 
Waliigalteewwan lageen daangaa qaxxaamuranii kan milkaa’uu dhaban of jaalattummaarratti waan hundaa’aniifis jedhameera.
 
Naayil Beeziin Innisheetiivii cimsuu fi biyyoonni waliigalteesaa hin raggaasisne akka raggaasisan hojjechuun ni barbaachisa jedhan.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.