Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Alshabaab haleellaa shorokeessummaa raawwachuuf socho’aa turan 14 to’ataman

Finfinnee, Mudde 9, 2016 (FBC) – Naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaa dabalatee naannicha naannawaa adda addaatti haleellaa Shororkeessummaa raawwachuuf sochii taasiisaa kan turan miseensonni Alshabaab 14 to’atamuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksiise.

Miseensonni Alshabaab gurmeessuun ergama kenneefii bobbaase 14 meeshaalee waraanaa fi sanadoota garaagaraa waliin to’atamuu humni walichaa ibseera.

Garichi magaaloota naannichaa adda adda keessatti haleellaa raawwachuuf karoorfatee socho’aa turuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa kun ibsa miidiyaaleef ergeen himeera.

Miseensonni kunneeniif leenjii kennuu fi loojastiksii mijeessuun bakkoota qiyyeeffatamanitti haleellaa raawwachuuf wayita socho’an to’atamuu himeera.

Hordoffii gaggeeffamaa tureen namoonni 13 karaa Keellaa seensa magaalaa Moyaaleen dhokatanii ba’uuf wayita yaalan Humna Waloo nageenyaan to’atamuu Humni Walichaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif ergeen ibseera.

Magaaloota, godinaalee fi aanaalee naannichaa adda addaatti oppireeshinii gaggeeffameen meeshaaleen haleellaa ittiin raawwachuuf qopheeffatee ture Kilaashin Kooviin 84,meeshaaleen garee 10 fi Shugguxiiwwan 12 to’annoo jala ooluu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.