Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Humna Addaa Poolisii Federaalaa waamicha biyyaa fudhachuun gara adda waraanaa imalan

Finfinnee, Adooleessa 22, 2013 (FBC) – Miseensonni Humna Addaa Poolisii Federaalaa waamicha biyyaa fudhachuun gara adda waraanaa imalaniiru.

Miseensoonni kunneen qaamolee nageenyaa naannolee fi bulchiinsota magaalaa keessaa walitti babba’an waliin olaantummaa seeraa kabachiisuuf gara Adda waraanaa imalaniiru.

Humni addaa naannolee fi bulchiinsota magaalotaa Qindeessummaa Poolisii Federaalaan iddoo olaantummaa seeraa kabachiisuuf itti ramadamanitti imalaniiru.

Miseensonni humna addaa kunneen olaantummaa seeraa kabachiisuu fi shororkeessummaa lammiileerra qaqqabu kamiiyyuu qolachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.

Ergama itti laatame kamiiyyuu ga’umsaan ba’uuf ejjennoo qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.