Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Shanee 155 gara jireenya nagaatti deebi’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2016 (FBC) – Marii hawaasa waliin taasiifameen miseensonni Shanee 155 gara jireenya nagaatti deebi’uu Raayyaa Ittisaa beeksiiseera.

Humni Eegaa Riippaablikaanii Godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaalleetti marii hawaasa waliin taasiisaniin miseensonni Shanee 155 gara jireenya nagaatti deebi’uu himeera.

Marii Abbootiin Amantaa, Jaarsoliin biyyaa fi hawaasni naannawaa waliin taasiisaniin miseensonni kunneen meeshaalee gochaa shororkeessummaaf fayyadamaa turan Humna Eegaa Riippaablikaaniif kennuu isaanii Ajajaan kutaa waraanichaa ibsaniiru.

Hawaasni naannawaa isaaf waardiyaa ta’uu eegaluu fi Raayyaa Ittisaa waliin tumsaan hojjechuu jalqabuu hordofee yeroo ammaa nageenyii fi tasgabbiin fooyya’aa jiraachuu Ajajaan kutaa waraanichaa Koloneel Ahimad Immiin ibsuu ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.