Fana: At a Speed of Life!

Misooma Horsiise Bulaaf xiyyeeffannaan kennamuu qaba jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2014 (FBC) – Mariin misooma diinagdee Baha Ityoophiyaa marsaa 7ffaa magaalaa Dirree Dawaatti gaggeeffamaa jira.
Maricha Waldaa Diinagdee Ityoophiyaa, Dhaabbata
‘Frederick Ebert Stiftung’ jedhamu,Yuunvarsiitii Haramayaa, Dirre dawaa fi Jigjigaatu waloon qopheesse jedhameera.
Maricharratti qorattoonni, barsiisonni fi barattoonni damee barnoota diinagdee yuunivarsiitota kanneenii argamaniiru.
Marii misooma diinagdee Bahaa Ityoophiyaa kanarratti waraqaaleen qorannoo itti fayyadama qabeenya qonnaa fi horsiise bulaa kutaa Baha biyyattiirratti gaggeeffaman dhiyaataniiru jedhame.
Diinagdee biyyattii qonnaa fi horsiisa beelladaan yoo hin utubne guddinni dhufu akka hin jirre marii kanarratti ibsameera.
Ityoophiyaa keessatti imaammata diinagdee guddisuu amma dura tureen misooma diinagdee gama horsiise bulaan jiruuf xiyyeffannaan kenname gadi aanaa ta’uu hojii raawwachiisaa olaanaa waldaa diinagdee Ityoophiyaa Proofeesar Mangistuu Katamaa himan.
Karoora misooma diinagdee Ityoophiyaa waggaa kudhanii roga qonnaan jiru ilaalchisee mariin taasifamaa jiraachuus ibsameera.
Biqilaa Alamuutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.