Fana: At a Speed of Life!

Misooma investimantii naannoo Oromiyaa babal’isuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira

Finfinnee Gurraandhala 9, 2012 (FBC) – Misooma investimantii naannoo Oromiyaa babal’isuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Investimantii Oromiyaa beeksiseera.

Misooma investimantii naannicha keessatti babal’isuun diinagdee biyyaa fi naannichaa utubuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachusaa Komishinarri Komishinii Investimantii naannoo Oromiyaa obbo Hayiluu Jaldee guyyaa har’aa raawwii hojii baatii 6 ilaalchisee ibsa miidiyaaleef keennaniin ibsaniiru.

Proojektoota hojii keessa jiran adda baasuun deeggarsaa fi hordooffii taasisuu,keenna tajaajila investimantii fooyyeessuun akka jajjabeeffamaniifi humna qabaniin akka hojjetan taasifameera.
Gama biraatin Proojektoota investimantii haaraa babal’isuuf abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi biyya alaa simachuun deeggarsi barbaachisu taasifameefi jira jedhaniiru.

Kenna tajaajila gama seektara investimantiin jiru hawwataa taasisuuf bulchiinsi investimantii akka fooyya’u taasifamuusaa obbo Hayiluun himaniiru.

Tajaajila keennamu dijitaalaayizd gochuuf siistamni haaraa kan diriireefi abbootiin qabeenyaa biyya kamuu keessa jiran kallattiidhaan(online) akka tajaajilaman hojjetamaa jira jedhaaniiru.

Rakkoowwan investimantii keessa jiran dhaabbata biyya alaa Big Win jedhamu waliin qindoominaan qorachiisuun furmaanni akka keennamuuf hojjetamaa jira.

hanga ammaatti dhaabbata 66 keessatti qoratamee rakkoowwan jiraniis adda bahaniiru.
Naannoo Oromiyaatti abbootiin qabeenyaa kuma 6 fi 120 hojii keessa jiru jedhameera.

Proojeektoonni investimantii lafa fudhatanii sochii keessa hin galle 854 kan adda bahaniiruu.
Proojektoonni kumni 2 fi 450 ammoo Ijaarsarra jiraniis adda 6 baheeniiru.

Kana malees proojeektoonni 441 ijaarsa isaanii xumuraman sababa adda addaatin hojii keessa kan hin gale ta’u qorannon adda ba’eera.

Qorannoo taasifameefi rakkoo adda bahe bu’ura godhachuun proojektoonni investimantii 588 gara omishuutti akka galan taasifameera.

proojektoonni 224 ijaarsa isaanii akka eegalan taasifameera.
Sochii kana keessatti carraa hojii hojii dhabdoota kuma 21fi 576 uumamuusaa obbo Hayiluun dubbataniiru.

Abbootii qabeenyaa lafa fudhatanii gara hojiitti hin galle 112 irratti ofeeggannoo dhugaa kan itti barraa’e yoo 11 ta’an irraa ammoo lafti hektaara 1,004.4 irraa fudhachuun gara stoking lafaatti akka galu taasifamuusaa ibsaniiru jechuun biroon dhimmoota kominikeeshinii mootummaa Oromiyaa beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.