Fana: At a Speed of Life!

Misooma jallisii lafa hektaara 7 eegalle barana lafa hektaara miiliyoona 1.1 misoomsuu dandeenyerra – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 15, 2015 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abbichuu fi Nya’aatti Qamadii Jallisiin misoome daawwateera.

Misooma jallisii lafa hektaara 7 eegalle barana lafa hektaara miiliyoona 1.1 misoomsuu dandeenyerra jedhan.

Qonnan bulaan kana dura waqtii bonaa hojii malee ture yeroo ammaa misooma jallisii hojjechuun bu’aa argachaa jiraachuu eeraniiru.

Bara dhufu misooma jallisii caalmaatti cimsuun oomisha Qamadii % 5 dabaluuf ni hojjetama jechuun ibsaniiru.

Pireezidaanti Shimallis Qonnaan bulaan misooma jallisii fi qonnaa hojjechuu qofaa osoo hin taane qusannaas cimsuu akka qabu hubachiisaniiru.

Ganna dhufus hojii qonnaan cinatti hojiin ashaaraa magariisaa hirmaannaa uummataatiin caalmaatti cimuun itti fufa jedhan.

Hojii misooma Finnaa jalqabame jabeessuun bu’aa qonnaan bulaa mirkaneessuu caalmaatti kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Bahaayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.