Fana: At a Speed of Life!

MM Dooktar Abiy Ahimad ijaarsa proojakti daandii Goodee Qallaafoo Farfaar ifatti eegalchiisan

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ijaarsa proojakti daandii Goodee Qallaafoo Farfaar ifatti eegalchiisaniiru.

Dooktar Abiy ijaarsicha kan eegalchiisan itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Mokonninii fi preezdaantii mootumma naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa walii har’a magaalaa Goodeetti argamuun eegalchiisaniiru.

Dooktar Abiy fuula Feesbuukii isaniitin akka beeksisanitti, har’a naannoo Sumaaleetti argamuun ijaarsa daandiiwwan dheerina kiilo meetira 300 qaban eegalchiisu ibsaniiru.

Daandiin kun sadarkaa konkiriiti aspaaltiitiin kan ijaaramu yoo ta’u, turtii waggaa 4 keessatti ni xumuramaan eegama.

Proojaktichi baasii Birrii biiliyoona 6 olii akka ijaaramu ibsameera.

Ijaarsii daandicha wayita xumuramuu daldala baasii fi galii biyyaatti ni si’eessaa jedhameet eegama.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.