Fana: At a Speed of Life!

MM Dooktar Abiy guyyaa injifannoo Adwaa ilaalchisuun ergaa dabarsan

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2012 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ityoophiyaa Guyyaa injifannoo Adwaa ilaalchisuun ummata Ityoophiyaa hundaaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
 
Injifannoon Adwaa qabeenya guddaa dhaloota dhalootatti darbaa dhufee fi gara fuulduraattis itti fufuudha jedhan.
 
Adwaan dirree lammiileen Ityoophiyaa hedduminaa fi tokkummaa itti agarsiisaniidha.
 
Injifannoon kun injifannoo seenaa keessaatti garagaarummaa keenyaan tokkummaa fi jaalaala biyyaaf qabnu itti muul’ifneedha jedhan Dooktar Abiy ergaa isaaniin.
 
Xaaliyaaniin garagaarummaa Laammiilee Ityoophiyaa fayyadamuun saboota fi ummattoota adda qooduun kooloneefachuuf yaaliin goote garaagarummaa keessatti tokkummaan lammiileen Ityoophiyaa dhimma biyyaarratti qabaniin osoo hin milkoofne hafee jira jedhan.
Lammiileen Ityoophiyaa yeroo waraanaa Adwaa bulchiinsaa , Walqixummaa fi eenyummaarratti gaaffilee hedduu qabatanis dhimma biyyaarratti araarama tokko malee wareegamaa barbaachisu waliin kaffalaniiru jedhan.
 
Kanaafis gootoonni saboota fi ummattoota Ityoophiyaa waraanicharratti qooda fudhatantu ragaadha jedhan eragaa dabarsaniin.
 
Xaaliyaaniin rakkoo keessoo kanatti fayyadamuun humna birmaddummaa Ityoophiyaa tiksuuf kutannoo qabu kana diiguuf tooftaan fayyadamte gootonni yeroo sanaa jaalaala fi quuqqama biyyaaf qabaniin jalaa fashaleessaniiru.
 
Gaaffiin kamuu deebi’uu kan danda’u yoo biyyi jiraatte, kanaaf lammiileen Ityoophiyaa birmaddummaa biyyaarratti kutannoon diinaa ofirra ittisuuf waliin dhaabbachuu qabu jedhan Dooktar Abiy ibsa laataniin.
 
Waggoota 40n booda Xaaliyaaniin Ityoophiyaa weeraruuf yeroo deebiteetti, garaagarummaan uumamme ishee fayyadee ture jedhan.
 
Qoodinsii muul’chuu fi qophummaan dhabamuun Ityoophiyaan gatii guddaa akka kaffaltu ishee taasisee ture jedhan.
 
Lammiileen Ityoohiyaa hundinuu injifannoo Adwaa kanaarra barachuun badhaadhinaa egeree biyyaa mirkaneessuuf kutannoon yoo hin hojjenne, badiin ga’uu olaanaa waan ta’uuf badhaadhina biyyaaf garaagarummaa tokko malee yaa hojjennu jechuun ergaa dabarsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.