Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiy Ahimad Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Siiriil Raamaafoosaa Ityoophiyaatti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu waan hubataniif galateeffatan

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Siiriil Raamaafoosaa Ityoophiyaatti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu waan hubataniif galateeffatan.

Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa wayita ammaa fi preezdaantin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa hojii olaantummaa seeraa Ityoophiyaa raawwachaa jirtuu fi namoota yakkaan barbaadaman seeratti dhiyeessuf hojii hojjetamaa jiru hubachuu isaaniif Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad galateeffataniiru.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad kan galateeffatan jila Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Siiriil Raamaafoosaa, preezdaantii Laaybeeriyaa duraanii Eelan Joonsaa-Sarliif, preezdaantii Moozambiik duraanii Jo’akiim Chisaanoo fi Preezdaantii Afrikaa Kibbaa duraanii Kigaaleemaa Mootlaan wayita simatanii waliin haasa’anidha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.