Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga ayyaana Iid Al Adihaa/ Arafaa geessan jedhan

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hordoftoota amantaa Islaamaa maraan baga ayyaana Iid Al Adihaa/ Arafaa geessan jedhan.
 
Ergaa guutuun baga geessaniin dabarsan kinooti.
———————————
 
Musliimota lammiikoo hundaafi Itoophiyaanota hafan hundumaaf, baga ayyaana guddicha Iid al Adhaa/Arafaa Bara Hiijiraa 1441 ffatiin nagaan isin gahe, nugahe jechuun barbaada. Iid Mubaarak!
 
Ayyaanni Arafaa baranaa nuy Itoophiyaanotaaf sababoota garaagaraatiin hiika adda ta’e qaba. Wayita guutinsa bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa duraa, ijaarsaafi qabsoo dippiloomaasii waggoota dheeraa booda milkeessinetti ayyaana kabajamu waan ta’eef, ayyaanicha gammachuu olaanaa keessa taaneetu simmanna. Uummanni keenya musliimaa sababa hidhata amantaa, aadaafi afaanii uummata Arabaa waliin qabuun biyyi keenya biyyoota Giddugala Bahaafi Araboota waliin wayita qabsoowwan dippiloomaasii garaagaraa ishii mudatan shoora murteessaa ta’e bahaa tureera. Hidhi Haaromsaa keenya akka dhugoomu maallaqa buusuufi yaadota fayyadan gumaachuurra darbee, adeemsa qabsoo dippiloomaasii keessatti adda duree ta’uudhaan biyya keenya kan hunda keenyaa taate boonsuuf Musliimonni biyya keessaafi ala jiraattan aarsaa kanfaluu keessan Itoophiyaanonni hundi kabajaan ilaalu. Gumaacha taasiftaniif maqaa Mootummaa Federaalaafi Itoophiyaanota hundaan utuu isin hingalateeffatiin hindarbu.
 
Iid al Adhaa jechuun Afaan Arabaatiin “Ayyaana Aarsaa” jechuu yoo ta’u, guyyaa addaa Raajichi Ibraahiim amantaa guutuufi kutannoo Gooftaasaaf qabu iiti argisiisedha. Allah Uumaan (Subhanahu Wa Ta’ala) ilmakee aarsaa naaf godhi jedhee yemmuu gaafate, Ibraahiim ilmasaa tokkicha, Ismaa’eliin gara iddoo aarsaatti geesseera. Uumaanis amantaa guutuu Ibraahiimiin ilaaluudhan, hoolaa tumaalessa kennuufiisaafi, bakka ilmasaa tumaalesichi aarsaaf waan dhiyaateef ayyanichi kabajama. Kutannoon ilmasaa dhalche aarsaa gochuuf qophee ta’uu caalu waan hinjirreef Iid al Adhaan, “Ayyaana Aarsaa” jedhamee waamama.
Dhala caalaa kan namatti dhiyaatuufi kan jaalatamu akka hin jirre namni dhala godhate hundi ni beeka. Namoonni akka Ibraahiim gaarii ta’aniifi kutannoo qaban amantiisaaniif jecha ilmasaanii tokkicha aarsaa gochuuf qophaa’u. Namoonni gaariin akka Ibraahimidha. Kaayyoo gaariif jecha qabeenyaasaaniifi dhalasaanii baay’ee qaalii ta’e yoo kennan hin gaabbani. Faallaa kanaa warri hamoota ta’animmoo kaayyoosaanii badaaf obboleessasaaniitti ulee luqqifatu. Obboleettiisaanii, dhalasaanii, haadhaafi abbaasaaniirratti garaa jabaachuuf duubatti hinjedhani. Nukeessaas tokko tokko qabeenya wantootaa hinmalleef, injifannoo siyaasaa xixiqqaafi aangoof jecha warri hojii badaa raawwatan jiru. Garaasaaniif jecha maatiisaanii, faayidaa dhuunfaasaaniif jecha biyyaafi lammiisaanii gurguruuf yoo qophaa’an arguurra wanti nama gaddisiisu hinjiru. Uummanni Musliimaa qaamota akkas godhan gochaasaanii badaarraa akka deebi’an ogummaadhaan akka barsiisan adaraa jechuun barbaada.
Kabajamtoota obbolaakoo Musliimotaa,
 
Akkuma beekamu Ayyaanni Iid al Adhaa ayyaana qulqulluu, musliimni kamiyyuu maallaqniifi humnisaa heeyyameef bara jireenyasaa keessatti yoo xiqqaate altokko gochuun kan irra jiruufi, Bu’uroota Islaamummaa Shanan keessaa tokko kan ta’e Sirni Haajii kan itti raawwatamudha. Ta’us Ayyaanni Arafaa baranaa kan kabajamu wayita weerara Koroonaa addunyaa dhiphisaa jiru faccisaa jirruttidha. Sababa kanaanis wantoonni ayyaanicha warra kanaan dura kabajnerraa haala adda ta’een akka kabajnu nugodhan heddutu jira. Utuu ta’ee uummanni Musliimaa Ayyaana Arafaa akkuma barame waliin kabajuuf firri gara firaa, ijoolleenimmoo gara maatiisaaniifi bakka dhalootasaanii deemuu ture. Kanarra darbees Musliimonni addunyaa miliyoonatti lakka’aman Ayyaana Arafaa kabajuuf gara bakka qulqulluu Saawudiitti yaa’u. Gurraachi, adiin, lammiin Afrikaa, kan Eeshiyaa, kan Awurooppaafi kanbiroonis kallattii hundarraa walgahee Iid al Adhaa waliin kabajaa tureera. Barana garuu haalonni akka durii ta’uu hindandeenye. Sababa weerarri walgahuu hin heeyyamneefi qaamaan walitti dhiyaachuu dhorku mudateef, ayyanicha ofeeggannoodhaan akka kabajnu dirqama ta’eera.
Akkuma hundi keenya beeknu wayita ammaa lakkoofsi lammiilee keenyaa Vaayrasii Koroonaatiin qabamanii, dhibamaniifi du’anii yeroodha gara yerootti okbahaa dhufeera. Dhimmi kun dhimma hunda keenyaa ta’uu qaba. Dhimma barumsaafi kadhannaa keenyaa ta’uu qaba. Weeraricha ittisuu akka dirqama amantaa tokkootti fudhachuu qabna. Qaawwa weerarichi uume duuchuuf hundumtuu gumaacha gamasaa gochuu qaba. Lammiilee keenya harkaqal’eeyyii akka deeggarru, soorata keenya akka qoodnu, yeroo qoraa kanatti lammiilee keenya rakkataniif dhaabachuu keenya akka mul’ifnu waamichakoon dhiyeessa. Iid al Adhaan ayyaana aarsaafi fayyinaa ta’uusaatiin namni haajii deemu qofa utuu hinta’iin, kan hindeemnes dirqama ‘Udihiya’ gochuu akka qabu barsiifni amantichaa ni ajaja. Akkaataa barsiisa kanaatiin qalma Udihiyaaf qalamu harka sadii keessa tokko hiyyeessotaafii lammiilee keenya harkaqal’eeyyiif qooduudhaan, keessaayyuu yeroo rakkisaa kana akka milkiidhaan ceenu hin shakku.
 
Carraawwan kanbirootiin akkuman ibse hojiilee biyyaalessaa yeroo kana raawwachuu qabnu keessaa inni kanbiroon kan Hidha Haaromsaa waliinn walqabatedha. Yeroo kanatti hoiilee Hidha Haaromsaa hafanirratti akka tumsinuufi #AshaaraaMagariisa keenya akka milkeessinu hunduma keenyarraa ni eegama. Ammumaa #AshaaraaMagariisa keenya keewwachuu hin dandeenyu taanaan, Hidha Haaromsaa ijaaraa jirru dabalatee hojiileen misoom keenya kanbiroon hundi umurii hinqabaatani. Itoophiyaan biyya magariisa ta’uu qabdi. Biyya caamsaa dandamattu, kan burqaawwanshee hingogne, kan bineensonniifi simbirroonshee hingodaanne ta’uu qabdi. Kun akka ta’u uummanni Musliimaa shoora murteessaa akka taphatu adaraan jedha. Hojii ijaarsa Hidha Haaromsaa hafeefi dippiloomaasiirratti tumsuudhaan, Ayyaanni Iid al Adhaa ittaanu yoo kabajamu, Hidhi keenya boqonnaa baay’ee olaanaatti cehee akka ta’u gonkumaa hinshakku.
 
Iirra deebi’uudhaan uummata Musliimaa hundaaf baga Ayyaana Iid al Adhaatiin nagaan isin gahe jechuun barbaada!
Galatoomaa!!!
 
Itoophiyaan carraaqqii ijoolleesheetiin barabaraan sodaatamteefi kabajamtee haa jiraattu!
Uumaan Itoophiyaafi uummattootashee haa eebbisu!
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.