Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy, preezdaantii Kooriyaa Kibbaa Muun Jee Iin waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 21, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad preezdaantii Kooriyaa Kibbaa Muun Jee Iin waliin mari’atan.
 
Turmaata isaanii bilbilaatin tamsa’ina vaayrasii koroonaarratti mari’ataniiru.
 
Dooktar Abiy karaa fuula Feesbuukii isaanitiin akka beeksisanitti, Riippabliikni Kooriyaa Kibbaa tamsa’ina vaayrasichaa ittisuun fakkeenya gaaridha jedhan.
 
Akkaataa Ityoophiyaan muuxannoo biyyattii qooddachuu dandeessurrattis mari’ataniiru.
 
Kooriyaan Kibbaa Ityoophiyaadhaf meeshaalee wal’aansaa barbaachisaa ta’an arjoomudhaan deeggarsa gochuu akkaataa dandeessurrattis mari’ataniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.