Fana: At a Speed of Life!

MM Dr. Abiy Proojaktii Humna Bishaanii Oomoo laga Oomoo daawwatan

Finfinnee, Fulbaana 9, 2013 (FBC) – Proojaktiin Humna Bishaanii Oomoo laga Oomoorratti kan argamu yoo ta’u, hojiinsaa dhibbeentaa 37 xumuramuu Muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Proojaktichi garmalee duubatti harkifamee kan ture yoo ta’u, dhiyeenya kana hojiinsaa cimee itti fufeera jedhan.
Waggaatti GWH6400 akka maddisiisu eegama.
Hamma yoonaatti namoota 4000 f carraa hojii kan uume yoo ta’u, ittifufiinsaanis namoota dabalataaf carraa hojii ni uuma.
Hidhichi proojaktii Koyishaa isa haaraa waliin ta’ee naannicha haalaan jijjiiruuf murteessaa ta’uus ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.