Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti naannoo 12ffaa hundeessuuf murtoon ummataa akka gaggeefamu murtaa’e

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC) – Manni Maree Federeeshinii gaaffii naannoo tokko jalatti gurmaa’uu godinaalee 6 fi aanaalee addaa 5 naannoo kibbaa fudhachuun murtoon ummataa akka gaggeeffamu murteesse.
Godinni Walaayittaa, Gaamoo, Goofaa, Oomoo kibbaa, Geede’oo, Koonsoo fi aanaaleen addaa Daraashee, Amaaroo, Burjii, Allee fi Baaskeettoon naannoo tokko ta’uuf gaaffii dhiyaassaniif murtoon ummataa akka gaggeeffamu murtoo dabarseera.
Godinni Hadiyyaa Hoosaa’iinaa, Halaabaa, Kambaataa Xanbaaroo, Guraagee, Silxee fi aanaan addaa Yeem naannoo dura tureen akka itti fufan murteesseera.
Gaaffichi sagalee mormii 5 fi sagaalee caalmaan murtaa’eera.
Hayilayesuus Siyyuumtu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.