Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Ityoophiyaa ibsa Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa baasee kan hinfudhanne ta’uu ibse

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC)-Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa “Wayita walitti bu’iinsa kutaa Kaabaa Ityoophiyaa sarbamni mirga namoomaa olaanaan raawwatamaniiru” jechuun gabaasa baasee kan hinfudhanne ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ibsa baaseenis, gabaasa qorannoo waloo Ogeeyyi Koomishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa fi Koomishinara Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin yoo madaalamuu gabaasni Ameerikaa kunis bu’aa qorannoo haaraa hinqabu jedheera.

Ibsichi madaala kan hineegnee fi qaama tokko qofaa yakkuurratti kan qiyyaafate ta’uu himeera.

Mootummaan Ityoophiyaa wayita imaammata filmaata ce’umsa haqaarratti marii biyyaalessaa gaggeessaa jirutti kan ba’ee ta’uun ibsa yeroo isaa hineegneedhas jedheera.

Ka’umsi ibsa Mootummaa Ameerikaa waan fedhe ta’us, ibsichi duula hawaasa tokko hawaasa biyyattii biroorratti kakasuun godaannisa uumuuf itti fayyadamuu danda’an akka ta’e beeksiseera.

Walumaagalatti ibsi mootummaa Ameerikaa adeemsa qoqqoodaa fi walabummaa hinqabne kan hordofeedha jedheera.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan daawwannaan tibbana Ityoophiyaatti taasisan hariiroo tarsiimawaa biyyoota lameen gidduu akka fooyyessu abdii uumuu eereera.

Gabaasni Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaan ba’e kunis, wayita daawwannaa Antoonii Biliinkan waliigaltee marii gaggeeffameen irra ga’ame, hariiroo tarsiimawaa Ityoophiyaa fi Ameerikaa akka fooyyessuu abdii qabaachuu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.

Marii ce’umsa haqaa lammiilee hirmaachise xumuruu dabalatee itti gaafatamummaa mirkaneesuuf hojiileen Mootummaa Ityoophiyaan eegalaman kan itti fufan ta’uu ibsichaan mirkaneesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.