Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannoo Oromiyaa jiruu fi jireenya uummataa jijjiruuf hojjachaa jira- Preezdaant Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adooleessa 24, 2013 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa jiruu fi jireenya uummataa jijjiruuf hojjachaa jiraachuu Preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.
Seektaroota hunda keessaatti jiruu fi jireenya lammiilee fooyyeessuuf tarkaanfiin addaa fudhatamaa jira jedhan obbo Shimallis.
Bifa addaatiin jiruu fi jireenya haawasa baadiyyaa dhibbeentaa 78 hojii qonnarratti bobba’anii jiraniif hojii qonnaa Ammayyeessu fi muuxannoo gaggaarii walirraa fudhachuun dammaqinaan hojii qonnaa keessatti akka hirmaataniif hojiileen garaagaraa hojjatamaa jiraachuu Preezdant Shimallis ibsaniiru.
Guyyaa har’aa labsiin dhaabbii Biqiltuu Muuzii Godina Shawaa Lixaa Aanaa Iluu Galaanitti eegalameera.
Saganticharratti kan argaman Preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan hojii qonnaa hammaayyeessuun ciinatti inisheetivii Avookaadoo, Dammaa, Oomisha alaa galan bakka buusuu fi inisheetiviin muuzii hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojilee kanneeniin; wabii nyaataa mirkaneessuuf, aleergii dabaluuf, Oomisha alaa galan bakka buusuufi carraa hojii uumuuf kan hojjatamu ta’uu obbo Shimallis Abdiisaa kan dubbatan.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.