Fana: At a Speed of Life!

Muuxannoo leenjiin argame hojiin mirkaneessuun dhimma addaa duree hoggansaarraa eegamuudha-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC)- Muuxannoo leenjiin argame hojiin mirkaneessuun dhimma adda duree hoggansaarraa eegamu ta’uu Pireezidaantiin Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Obbo Adam Faarah Magaalaa Mattuutti adeemsa leenjii hoggantoota mootummaa fi hojiilee misoomaa garaagaraa daawwataniiru.

Leenjitoota waliinis kan mari’ataan Obbo Adam, fuulduratti leenjiin ijaarsa dandeetti hoggantootaaf kennamu cimee akka itti fufu eeraniiru.

Kanaan dura leenjiiwwan kennamaniin muuxannoowwan argaman hojiin mirkaneessuun dhimma adda duree hoggansarraa eegamuudha jedhan.

Obbo Adam Faaraah dabalataan mana amala sirreessaa godinichaa kan daawwatan yoo ta’u, eegumsaa fi qabiinsa mirga namoomaa, adeemsa ijaarsa dandeetti sirreeffamtootaa, bulchiinsa qabeenyaa fi hojiilee biroo gaggeeffamaa jiran daawwachuu ragaan paarticharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.