Fana: At a Speed of Life!

Naannichi waqtii sassaabbiitti hojiin eegalee cimee akka itti fufuu deeggarsi barbaachisu ni taasifama – obbo Umaar Huseen

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2014 (FBC)- Naannoon Somaaleetti waqtii sassaabiitti hojii eegalame hojii jallisii bonaas cimsee akka itti fufuuf deeggarsa akka taasisuu Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umaar Huseen ibsaniitu.

Naannoo Somaalee godina Fafaan aanaa Arooreesitti oomishaa qamadii fi bishingaa daawwatameera.

Daawwannicharrattis Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umaar Huseen, itti aanaa preezdaantii naannoo Somaalee obbo Abraahiim Usmaanii fi hooggantoonni biroon argamaniiru.

Oomisha bara kanaatin qamadiin heektarri kumni 500 ol oomishamuun, kanaarrayis oomishni kuntaalli miiliyoonni 14 akka argamuu obbo Abraahiim ibsaniiru.

Naannoon Somaaleetti waqtii sassaabiitti hojii eegale hojii jallisii bonaas cimsee akka itti fufuuf deeggarsa akka taasisaan obbo Umaar himuu ragaan Ministeera Qonnaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.