Fana: At a Speed of Life!

Naannolee filannoo galmeen filattootaa itti hin eegalleetti galmeen Ebla 29 hanga Caamsaa 13 haala addaan akka raawwatamu murtaa’e

Finfinnee, Eebila 26, 2013 (FBC)- Boordiin filannoo Biyyaaleessaa Naannoolee filannoo galmeen filattootaa itti hin eegalleetti galmeen  Ebla 29 hanga Caamsaa 13 bara 2013tti haala adda taheen  raawwatameera jedhe.

Naannoolee filannoo galmeen filattootaa itti hin eegalleetti galmeen isaa Ebla 29 hanga Caamsaa 13 bara 2013tti haala adda taheen akka raawwatamu murteessuusaa Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa beeksisee jira.

Haaluma kanaan:-

-Godina Wallagaa Lixaa (Naannoo Filannoo Beegii fi Sanyoo Gabaa alatti)

– Godina Wallagga Bahaa(Naannoo Filannoo Ayyaanaafi Galiilaa alatti)

-Qeellam Wallaggaa

-Horroo Guduruu Wallaggaa(Naannoo FilannooAliiboo, Gidaamifi Komboolaachaa alatti) kan argaman naannoolee filannoo 31 jiran keessaa 24 irratti akkasumas Naannoo Beenishaanguul Gumuuz Godina Kaamaashitti kan argaman Naannoo filannoo 5(Naannoo Filannoo Seedaal alatti)keessaa 4 irratti galmeen fialttootaa Ebla 29 hanga Caamsaa 13 bara 2013tti akka raawwatamu Boordiin murteessuusaa fuula midiyaa hawaasaa isaarratti beeksisee jira.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.