Fana: At a Speed of Life!

Naannon Amaaraa sirreeffamtoota 1,244f dhiifama godhe

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) – Naannon Amaaraa sirreeffamtoota 1,244f dhiifama godhe.
 
Sirreeffamtoota seeraa ulaagaa dhiifamaa guutaniif dhiifamni taasifamuu Abbaan Alangee Waliigalaa Naannoo Amaaraa beeksiseera.
 
Sirreeffamtoonni kanneen dhiifamaan kan gadi lakkifaman Adoolessa 21,2012 eegaleeti.
 
Namoonni dhiifamni godhameef ga’eessotaa fi maanguddoota, rakkoo fayyaa kan qaban, yeroo hidhaa isaanii tokko sadaffaa kan xumuran, jijjiirrama amalaa kan fidanidha.
 
Malaammaltummaa, gudeeddii, buttaan kan hirmaatan dhiifamichaan hin hammatamne.
 
Bitootessa 2012 sababii weerara vaayrasii koroonaatin naannichi namoota kuma 7 caalaniif dhiifama godheera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.